Loogii fi Moggaatti Qoodmuun HIV AIDS fi COVID-19n Hammeesse 

  • VOA

Tokkummaa Mootummootaatti, Sagantaan Dhimma HIV fi Eeedsii, hawaasaalee moggaatti qoodaman irratti loogiin geggeessamu rakkolee Eedsii fi COVID 19 daran hammeessuu mala, jechuun akeekkachiise. Rakkoolee fayyaa lameen kana furuuf, loogii fi moggaaatti qoodinsi kun dhabamsiisamuu qaba, jedhan aangawoonni Jaarmayichaa.

Guyyaa Eedsii, Mudde tokko guutummaa Addunyaatti yaadatamee oolu dursuudhaan kan gabaasaa kana baase Jaarmayichi Tokkummaa Mootummootaa, Mootummoonni dhukkuboota daddarboo kana irratti duula geggeessan keessatti, dhimma namoota rakkoo akkanaaf saaxilamaniitti akka xiyyeeffatan, waamicha dhiheesse.

Your browser doesn’t support HTML5

Loogii fi Moggaatti Qoodmuun HIV AIDS fi COVID-19n Hammeesse