Maanajerii Arsenal, Mikel Arteta kilabiin isaa barana dorgommiin guddoo yarattullee biraa hin deemu

  • VOA

Mikel Arteta, Arsenal - Manager

Bara Arsene Wenger manaajera isii tahetti ganna 17 keesatti marro tokko qofa sadarkaa 1-4 dhabde,Arsenal.

Kilabiin EPL London Kaabaa tun marroo 13 dorogommii liigii moote.Taba keesaa marroo sadii shaampiyoona pirimiyer liigi bara 1992 duratti taate. Ingilaandi keessaa dorgommii liigiitiin Manchester Yunatiditti fi Liver Pool faatti aantee sadeessoo jirti,Arsenal.

Manaajerii Arsenal ka durii,Arsene Wenger bara ganna 17 Arsenal bulche ijoollee Afrikaa hedduu kilabii tanatti dabalate.

Ijoolleen Afrikaa tun bara hamaa fi tolaa hedduu Arsenaal waliin bahan.

·Jehad Muntasser. ...

· Carlin Itonga. ...

· Ismael Bennacer. ...

· Kaba Diawara. ...

· Quincy Owusu-Abeyie. ...

· Emmanuel Frimpong. ...

· Marouane Chamakh. ...

· Armand Traore.

Gunners kilabiin, bara 2003/04 shaampiyoonaa EPL malee bara duriillee waan hedduun faarsan.Gaafas ganna 15 qabsooftee argatte.Barana ammoo akka hin qabdu Arsenal. Tapha torba keessatti 5 moohamtee lama walqixxee taate.

Amma sadarkaa EPL keessaa sadarkaa 15essoo jirti.Manaajerii Arsenal ka ammaa Mikel Arteta durii kilabii Ispaanishii taphata.Muddee bara 2019 jalqabee manaajera Arsenal tahee bulchuutit jira.

Dhiisee deemaa jedhee hinherreguuyyuu jedha Aretaan.Waan qajeeluu dandahu qajeechee hjjachuu qofa Arteta muddee bara 2019 Arsenalitti qaxaran Arsenal akka durii jirattullee dhiisuu hin deemu jedha.

Yoo fkn deemuu jibbii achii deemsisan ammoo namii nama hedduutti fulaa innii keessaa deeme sun eegata.