Godinicha keessaa jiraattonni magaalaalee Sulultaa, Caancoo fi Fitaal keessaa uummanni kumaan laka’amu guyyaa walitti aanu sadiif sagalee isaanii dhageessiuuf daandiitti ba’anii jiran.
Walitti bu’iinsi itti fufe kun miidhaa guddaa dhaqqabsiisuu isaa jiraattonni dubbataniiru. Hirmaattonni hiriirichaa angawoonni aanaalee fi godinaa, kaayyoo hiriirchaa maqsan jechuun qeeqan. Jiraattonni kun akka jedhanitti ajandaan hiriirichaa garee tokko balaaleffatee isa kaan deggeruuf utuu hin taane nagaan akka bu’u gaafachuu dha. Godina Shawaa Kaaaa magaalaa Salaalee Keessatti abbootiin Gadaa dhibbaan laka’aman kan irratti hirmaatan jalqaba torban darbee geggeessamee ture.
Torban kana Oromiyaa naannoo Shaggar keessatti garee lamaan gidduutti lolli haaraan ka’uun gabaasamee jira. Walitti bu’iinsi bara 2018 qabee humnootii mootummaa fi WBO gidduutti itti fufee jiru du’uu fi qe’ee irraa buqa’uu namoota dhibbaan laka’amaniif sababaa ta’eera jechuu dhaan gareeleen mirga namaaf falman beeksisaniiru.