Magaalaan Meelbarn Ammas Ugguura Sochii Jala Jirti

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Awustraaliyaa gama kibbaa kutaa Viktooriyaa magaala Meelbarn keessatti aangawoonni kutaa ugguura sochii weerara dhukkuuba KOOVIID-19f hojii irra oolee torban tokkoof dheereessanii jiru.

Uggurri kun jalqaba torban dabree guutuummaa kutaa Viktoriyaa keessatti hojii irra kan oolee yoo ta’u kunis aangawoonni eegumsa fayyaa gosa vaayrasii Koroonaa bifa jijjirratee fi ariitiin daddabru kutaa sana keessatti eega arganii booda.

Weerarrii inni ammaa kun nama biyya biraa imala irra turee tokko vaayrasii koronaa bifa jijjiratee kan jalqaba Hindii keessatti argameen qabamuun isaa beekamee hooteela keessa buufatee keessaa akka hin baanee yeroo uggurameetti ture.

Angawoonni fayyaa Robii har’a namoota naannoo kan haaraa dhukkuba KOOVIID-19n qabaman 6 jiraachuu kan labsan yoo ta’u kunis lakkoobsa namoota vaayrasii koronaan qabamanii 60n ga’e jira.