Hidhattoonni Hoteela Maalii Haleelan

  • VOA

Hoteela qananii magaalaa galama mootummaa Maalii Baamaakoo keessatti argamu Raadsan Bluu jedhamu irratti hidhatoonni Islaamaa haleellaa geesisuun namoota qabatanii turan hundumtuu walaba ta’uu isaanii aanagawoonni biyyatti beeksisanii jiru. Gabaasaaleen duraan ba’an akka jedhantti namoota qabatanii turan 170 keessaa kanneen Quraana qara’uu danda’an 80 gadhisanii yoo xiqqaate 3 ajjesan jedhanii turan. Humnootiin addaa kan Maalii hidhatoota haleellaa kana gaggeessan gutummaatti to’atan yoo ta’e wanni beekamu hin jiru.

Hoteela kanatti yeroo hedduu kan gargaaraman namoota biyyootii gama dhiyaa ta’un ibsamee jira. kanneen qabamanii booda walaba ba’an keessaa 6 lammiwwan Amerikaa ta’uu waraanni Ameerikaa kan ajaja Afrikaa waaltaa ibsee jira. Gareen Jihaad kan Maalii gama kaabaa keessa maadheeffate haleellaa kanaaf itti gaafatama fudhachuu isaa Rooyters gabaasee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa