Bara 2021 Mana Maree Bakka Bu’oota Uummata Irratti Hokkara Gaggeeffame Ummataaf Ibsamuuf Jira

  • VOA

FAAYILII - Hokkara mana maree Ameerikaa irratti Amajjii 6, 2021 geggeeffame

Deggeertonni prezidaantuu Yunaaytid Isteets duraanii kan Donaalp Traamp kanneen kuma 2 ta’an mana maree biyyatti irratti jeequumsa kaasuun prezidaant Baaydiin filannoo bara 2020 gaggeeffameen injifachuun isaanii akka hin mirkanoofne gochuuf eega yaalanii waggaa tokkoo fi walakkaa guutuuf jedha.

Kamiisaa galgalaa kaasee lammiwwan Amerikaa waa’ee haleellaa Amajjii 6 bara 2021dhaqqabe ture Sanaa odeeffannoo sadarkaa duraa argachuuf jiru.

Namoonni ragaa ba’an koree qorannaa gaggeessuu kan Kogreesaa duratti dhiyaachuun hokkara aangawoota mootummaa irratti gaggeeffame sun attamitti akka karoorfame dubbatu.Hokkara kana gama jajjabeessuun qoodii Traamp maal akka ture, waggoota dabalataa 4f aangoo irra turuuf ba’ii filmaataa gatii dhabsisuuf akka itti yaale, hokkara hamaan suungama Televiziyonaan addunyaaf darbaa yeroo tureetti, Traamp waayit Haawus keessaa maal hojjataa akka turan ibsamuf jira.

Kunis haleellaa Deemookraasii Amerikaa irratti gaggeeffame ta’eera.Baatii kana keessa guyyoota yakka ilaalcha itti gaggeffamu isaan jalqabaa 6 keessaa hangii tokko Teliviziyoonaan dhiyaachuuf jira.

Raga baatonni koree qoratuuf waan beekan dubbatan keessaa kanneen waa’ee Traamp keessa beekan kallattiin dhiyaatu kan immo vidiyoon isaanii waraabamee tu dhiyaata.Intallii Traamp fi abbaan warraaa ishee, whaayit Haawuus keessatti gorsaa ta’uun hojjataa turan.

Vidiyoon gaaffii fi deebii namoota kuma tokko caalaa waliin yeroo hokkara Sanaa waraabamanii hanga ammaatti uummataaf hin dhiyaannees ni jira jedhameera.