FINFINNEE —
Naannoo Oromiyaa bakkawwan gara garaatti ajajni mana murtii hojii irra ooluu dhabuun isaa yaaddessaa dha jechuun Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa ibsa yeroo adda addaa baaseen hubachiisee jira.
Biiroon Nageenyaa Oromiyaa ammoo ajajni mana murtii sababaa adda addaatiin hojii irra ooluu dhiisuu danda’a, jedha.
Hoogganaan Biiroo Nageenyaa Oromiyaa Obbo Jibriil Mahaammad “namni tokko bakka adda addaatti yakka raawwatee osoo barbaadamaa jiruu, mana murtii itti dhimmi isaa ka biraa itti ilaalamaa turerraa bilisa bahee, yakka kan bira ittiin shakkameen ammoo mana hidhaa tursiifamuu danda 'a” jechuun ibsan.
Gabaasaa guutuu caqasaa
Your browser doesn’t support HTML5