ManniI-Murtii Ol’aanaa Kan Federaalaa Obbo EliyaasS Kifleefaa Irratti BadiiI Mure

Abbaan-alangaa himannaalee afur Obbo Eliyaas Kiflee, Zerihun G/Egzaabiheer, Wubsheet Taayyee, Aadde Hiruut Kiflee fi Dubree Ri’iyoot Alamuu kan of-jalaa qabu gurmuu kana irratti kan himannaaleen sun dhihaatan Hagayya30, bara 2003 tahuu agarsiisa - iyyannaan abbaa-alangaa.

Himatamtoonni afur ka mana-murtiitti dhihaatanii falmatan yoo tahu himatamaan tokko - Obbo Eliyaas Kiflee garuu, bakka hin jirreetti itti murame.

Manni-murtii Murtii Har’a kenne sanaan, himatamtoonni, kanneen abbaan-alangaa himannaa koo naaf hubachiisu, jedhee dhiheessu, ragaalee namaa, galmee fi ka biroo fudhatama dhabssiisuu hin dandeenye Kanaaf, himatamtoonni martinuu “Balleessitoota” - jedhee jira.

Gama biraatiin gareen mirga dhala-namaaf falmu AMANESTY INTERNATIONAL har’a, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kenneen Himatamtamtota shanan irratti murtiin Har’a Manni-murtii ETHIOPIA dabarse namoota hojii isaanii seera-qabeessa, karaa nagaa hojjetaa jiran irratti kan murame waan taheef akka hatattamaan walaba gad-lakkisaman gaafatee jira.

Guutummaa gabaasaa kanaa dhaggeeffadhaa