Maqalee Irratti Samii Irraa Haleellaan Gaggeeffame: Jiraataa  

  • VOA

Magaala Maqalee (suuraa faayilii)

Magaala Maqalee keessa naannawaa manneen jireenyaa Daayaasporaa jedhame waamamuutti har’a xayyaara Nam-Maleeyyiin mana tokko irratti haleeluun kan gabaafamee yoo ta’u namnii du’e garu akka hin jirre jiraataan tokko ibsanii jiru.

Oduu gabaasaan RSA kan isaan dubbisee Obbo Gezaa’ii Medhin haleellaa Kanaan Qabeenyaan isaanii barbadaa’uu dubbatan.

Namoonni miidhamanii mana yaalaa seenan akka jiran garu namnii du’e akka hin jirre oduu gabaasaan keenya ibsee jira.Oduu wal qabateen Sambata dabree magaaluuma sana naannoo Daagiim Amsaal jedhamee waamamuutti halkan keessaa sa’atii 7 irratti haleellaan xayyaara nam-maleeyyii gaggeefamuu fi nama tokko irratti midhaa dhaqqabsisuu isaa oduu gabaasaan keenya gabaasee jira.

Dubbii himaan TPLF Geetaachoo Raddaa gandii manneen jireenyaa sivilootaatti ykn namoota nagaa irratti haleellaan xayyaara nam-maleeyyii gaggeeffamuu Twitarii irratti barreessanii jiru.Dhimma kana irratti mootummaa Itiyoophiyaa biraa wanni jedhamee hin jiru.