Mariin Somaaliyaa fi Itiyoopiyaa gidduutti Ankaratti geggeessamaa ture walii galtee male waan xumurameef marii marsaa sadaffaatti waan deemu fakkaata. Mariin jaarsummaa Turkiin Wiixata darbe eegale walii galtee malee xumuramuu isaa maddeen lama kanneen dhimmichatti itti dhiyeenya qaban fi waa’een marii sanaa of eeggannoo waan barbaaduuf maqaa isaanii dhoksan VOA tajaajila Gaanfa Afriikaaf ibsaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimed Mowalim Fiqii, mariin marsaa 3ffaa Turkii keessatti akka geggeessamu miidiyaa hawaasummaa duraan Twiiter jedhamu, 'X' irratti barreeffama baasaniin mirkaneessanii, tattaaffii mootummaan Turkii taasisu galateeffataniiru. Ministirri Dhimma Alaa Turkii Hakan Fidan gitoota isaanii Somaaliyaa Ahimed Mowalim Fiqii fi kan Itiyoopiyaa Taayyee Atsiqe Sillaasee waliin adda addaan wal arganii garaagarummaa isaanii akka walitti fidan yaalii taaisanii jiru.