Guyyoota sadiif magaalaa Maqalee keessatti geggeessamaa kan ture raawwatiinsi hojii bulchiinsa yeroo naannoo Sanaa waltajjiin marii kaleessa xumuramuun isaa ibsamee jira. Marii sana irrattis, haala nageenya naannoo sanaa, uummata mana ofii irraa buqqa’eef gargaarsa dhiyeessuu, akkaataa tajaajila kennuu waaltaalee mootummaa, akkasumas vaayiresii koronaa ittisuuf hojiiwwan hojjetaman gamaaggamuun himamee jira.
Itti gaafatamaan raawwatiinsa hojii naannoo Dr. Abrahaam Belaay, baniinsa marii sanaa irratti dubbachuun isaanii fuula Feesbookiii isanii irratti maxxansaniiru. Dr. Abrahaam torbanneen darban muudamanii erga hojii jalqabanii as uummataa fi qaama dhimmi ilaallatu waliin wal ta’iinsa gaafatan argataa jiraachuu ibsanii, kanaanis boonuutu natti dhaga’ama jedhan.