Bakka Gabaa Guddicha Markaatoo Keessatti Manneen Daldalaa Cufamuu Ilaalchisee Mormiin Itti Fufee Jira 

  • VOA

FAAYILII - Gabaa Markaatoo, Finfinnee, Ebla 25, 2024.

Ityoophiyaa keessatti bakka bitaa fi gurgurtaa gudichaa Maarkaatoo keessatti mormiin hojii dhaabuu guyyaa kaleesaa jalqabamee har’as itti fufee jiraachuun isaa beekameera. Bulchiinsi magaala Finfinnee bakka gabaa Maarkaatoo keessatti too’annoo naga’ee irratti taasisuufi namoottan seeraa naga’ee hin kabajne irratti tarkaanfii fudhachuuf murteesse mormuudhaan, guyyaa kaleesaa Sadaasa 9 bara 2017 kaasee daldaltoonni hedduun Suuqii isaanni cufuudhaan mormii hojii dhaabuu taasisa jiru.

Cufiinsa Suuqiwwanii fi mormii kanaaf kan daldaltoota kakase hojatoonni biiroo daladalaa bulchiinsa magaala Finfinnee sochii mi’aawwan Suqota keessa jiran naga’eedhaan bitamuu isaanii gafachuu jalqabuu isaanii mormuudhaan akka ta’e ibsameera. Tarkaanifii kana irratti daldaltoonii mormii qaban akka jedhanitti, mi’aawwan Suuqii isaanii keessa jiran caalaa waan naga’eedhaan hin bitamneef , sababa Kanaan mootummaan qabeenyaa isaanii akka jalaa hin fudhaneef jechaa mana hojii isaanii akka cufan himaniiru.

Kanitiibaan magaala Finfinnee Adaanech Abeebee dhiheenyaa kana mana maree magaalichaa irratti ibsa kennaniin, magaalicha keessatti gochaawwan seeraan alaa waan babalachaa jiraniif too’annoon barbaachisaa ta’uu isaa ibsanii, mi’aawwan nagaahee malee bitaman ni dhalamuu jedhamee wantii odeefamuu soba ta’uu isaa himaniiru. Too’annoon nagahee bittaa fi gurgurtaa irratti taasifamuu garuu akka itti fufu kantiibaa Adaanech Abeebee ibsuu isaanii Kenedii Abaatee Sagalee Amerikaatiif gabaaseera.