Injiinar Masfiin Abbabaa Fi Injiinar Tasfaahuun Camadaa sodaa lubbuu ofiif jecha gara Keeniyaatti dheessanii waggaa lama eega turanii booda butamanii gara biyyaatti deebiifaman. Lameenuu Naayrobii keessa ka jiru waajiira baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa (UNHCR) biratti galmeeffamanii dhimmi isaanii fudhatama argatee akka ture galmeen adda addaa ni mirkaneessa.
Nama baqatee dhaaba kana jala jiru butanii gara biyya irraa dheessetti deebisuun seera addunyaa cabsuu dha jechuun jaarmayaaleen adda addaa falamii dhagesiissaa turuun ni yaadatama.
Injiinar Masfiin akka jedhutti poolisiin Keniyaa magaalaa Naayrobii keessaa isaan qabee torban lamaaf mana hidhaa adda addaa keessa eega tursee hidhee booda konkolaataan gara daangaa Moyyalee-Itiyoophiyaa geessuun aangawoota Itiyoophiyaatti kennan. Sana booda ija lamaan isaanii aguuguun gara magaala Finfinneetti kan geessaman konkolaataa Fannoo Diimaa bifa adii kan fannoo dimaa of-irraa qabduun ta’uu yaadata Masiin.
Finfinnee naannoo Bolee Ruwaandaa jedhamu kan jiru mana durii fi mofaa tokko keessa waggaa tokkoo fi ji’a sadii ka’amuu isaanii fi hanga waggaa tokkootti uffata ittiin Naayroobii keessa qabaman sana akka hin jijjiratiin kan dubbatu Injiinar Masfiin, amma kana hundumaa yeroo turru qorannaa gaggeessuu malee himannaan nu irratti hin dhiyaanne jedha.
Booda garuu akka waan haaraa biyya keessaa qabamnee fakkeessanii mana murtii sabbataa duratti nu dhiyeessan jedha Injiinar Masfiin Abbabaa Abdiisaa. Itti fufees mana murtii olaanaa duratti dhiyaatanii jalqaba adabi du’aa irratti muramee booda gara hidhaa umrii guutuutti jijjiramuu isaa fi Injiinar Tasfaahun Camadaa irratti hidhaa umrii guutuu muramuu ibse.
Jireenyi mana hidhaa Keessaa maal fakkaata? Waa’ee du’a hiriyyaa isaa Injiinar Tasfaahun Camadaa Injiinar Masfiin maal beeka?
Marii gaggeeffame caqasaa.
Your browser doesn’t support HTML5