Medrek Marii Paartii Mootummaa Waliin Geggeessamu Keessaa Bahe

  • Namoo Daandii

Faayilii - Hoggantoota MEDREK

Ka Paartiilee mormitootaa 21 fi Ehaadeg gidduutti geggeessamaa ture – marii, walitti-dubbannoo duraa, kan har’aa – jechuun – marsaa toorbaffaa irraa gamtaan paartiilee mormitootaa – Medrek hin argamne. Paartii miseensa Gamtaa Medrek ta’e – Koongiresa Federaalawa Oromootti miseensa koree hoji-raaw’achiistuu ka tahan – Obbo Xuruneh Gamtaa akka jedhanitti, Medrekis tahe paartiin isaanii marii haal-duree walitti-dubbannoo paartiilee kan har’aa keessaa bahuun isaa gaaffiilee ijoo sadii ammaan dura dhiheesseef paartii mootummaa irraa deebii dhabuu isaa ti. Medrek, paartii mootummaatti aanee ka filannoo dabre irratti filannoo hedduu dhiheeffate, akkasumas, heddummina uummataa fi bal’ina lafaatiinis kan irra jireessa biyyattii hammate waan ta’eef, paartiin mootummaa kallattiidhaan akka addatti waliin dubbatu, hoogganoonni fi miseensonni paartiilee miseensota Medrek hidhaa jiran akka hiikamanii fi labsiin yeroo hatattamaa akka kaasamu gaafatanii, hoogganoota paartii mootummaa irraa deebii dhabuu isaanii dubbatan – Obbo Xiruneen.

Maaliif akka hafe ka odeeffannoo hin qabne ta’uu – Itti-gaafatamaan waajjira Ehaadeg – Obbo Shifarraaw Shigguxee, kanneen marii sana irratti argamaniif ibsuu isaanii – Eskindir Firew, Finfinnee irraa gabaasee jira.

Kana cuqaasuun qophii guutuu dhaggeeffadhaa

Your browser doesn’t support HTML5

Medrek Marii Paartii Mootummaa Waliin Geggeessamu Keessaa Bahe