Meeshaaleen waraanaa Tekinooloojii biyyaa Faransaayiin hojjataman walwaraansaa Sudaan keesaatti fayyadamaa jiraachuu isaanii dhaabbanii migra namoomaa idilee adduunyaa ibsee jira.
Meeshaaleen waraanaa Tekinoolojii hammayaa kan biyyaa Faransaayiti hojjatameen guutaman karaa biyya Yuunaayitid Arab Imeereetiin wal waraansaa Sudaan keessatti adeemaa jiru irraa olaa jiraachuun isaa qoqqobii meeshaa waraanaa Dhaabanni mootumoota gamtoomanii Sudaan irraa kaa’ee cabsuu akka ta’e dhaabanii mirgaa namoomaa ibsee jira.
Dhaabanii mirga namoomaaf falmu Aminesitii internaashinaal ibsa Kamisa kaleessaa baaseen, meeshaaleen waraanaa tekinooloojii biyya Faransaay fayydaman gara sudaan seenaa jiraachuu isaanii kan baree ji’a Adoolesaa darbe keesaa ta’uu isaa ibsee, meshaaleen kun kan Sudaaniin seenaa jiran , karaa Chaayinaa, Raashaa, Serbiyaa, Turkii, Yunaayitid Arab Imeretii fi Yemeniin ta’uu isaa Eerrera.
Akka gabaasinii Aminestii internashinal kun dabalee jedhetti, konkola’atonii waraanaa tekinoolojii biyyaa Faransaayiin guutaman harkaa Umnaa dafee qaqqabaa isaa Jeeneraal Hamdaan Dagaalootiin hogganamuu keessa galuudhaan kutaa dhihaa Sudaan kutaa Daarfuur keessatti lola irraa olaa jira.
Barreesituu olaantuun Dhaabata Aminestii Internaashinaal Agnees Kaalamaard akka jedhaniitti, meeshaaleen waraanaa tekinolojii biyyaa Faranasaay fayyadan lola daarfuur keessatti hirmaachaa jiraachuun isaanii qoqqobii meeshaa waraanaa dhaabbanni mootumoota gamtoomanii Sudaan irra kaa’ee kan cabsuudha. a Mootummaan Faransaayi meeshaalee waraanaa kana biyyaa Yunaayitid Arab Imereetiif kennuu akka dhaabuu gaafachuu isaanii Agnees Kaalamaard ibsaniiru.
Uggurri meeshaa waraanaa mootummoota gamtoomanii, qaama qoqqobbii qabeenya dhorkuu fi uggura imalaa haanga’ota Sudaan irratti kaa’ame keessaa tokko yoo ta’u, kunis umni dafee qaqqabaa ykn RSF fi Humni Waraanaa Sudaan ummata Daarfuur irratti sarbama mirga namoomaa sirnaan raawwachuu isaatiin walqabatee kan murtaa’e akka ta’e gabaasameera.