Ministeerri Dhimma alaa U.S waa’ee walgahii Faransaayi keessati taasifame dubbatan

  • VOA

Dubbi himaan miisteera dhimaa alaa yunaayitid Isteets Niid Praayis akka jedhaniitti Antoonii Bilinken dhimma filanno Sadaasa dufu Liibiyaa keessatii taasisamuu fi, namoomaa Itiyoophiyaa keessa jiru irratii Ministeera dhimma alaa Itaaliyaa wajjin marii tasisaniiru

Walgahii ministeerotaa Dhaabbata walta’iinsaa fi Misooma diinagdee isa biyya Faraansaay keessatii deemaa ture irrati kan hirmaatan Ministeerrii dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets Antonii Bilinken walga’iichii dhimma irratii maryachaa ture keessa waa’een vaayiresii Koroonaa, waa’een haala jijjirama qileensaa fi itti fayyadama tekinoloojii ammaayaa ijoo akka ta’an dubbataniiru.

Ergaa walga’ichii guyya hara’a xumuramee booda Antoonii Biliinken Ministeeraa dhimma alaa Itaaliyaa Lu’iijii Di Maa’iyoo, ministeera dhimma alaa Speeyin, Josee Manu’eel Albaares fi itti aantuu presidaantii fi ministeera dhimma alaa Kolombiyaa Maartaa Luciyaa Raamireez wajiin dhuunfaadhaan marii taasisuun isaanii gabasameera.

Dubbi himaan miisteera dhimaa alaa yunaayitid Isteets Niid Praayis akka jedhaniitti Antoonii Bilinken dhimma filanno Sadaasa dufu Liibiyaa keessatii taasisamuu fi , waa’ee rakkinaa siyaasaa fi namoomaa Itiyoophiyaa keessa jiru irratii Ministeera dhimma alaa Itaaliyaa wajjin marii tasisaniiru.

Sochii namoottan afgaanistaanii baasu keessatti gahee Itaaliyaanii fi Ispeen taphataniif Antoonii Bilinkeen galata dhiheessu isaanii gabaasameera.