Mirga Namoomaa Fi Filannoo

  • VOA

Seenaa filannoo Itiyoophiyaa keessatti rawwatamaa kan turan dhiittaan mirga namoomaa filannoo guutuummaa biyyaa isa 6ffaa irratti akka hin dabamnee gochuuf ykn hanqisuuf hojjataa kan jiru ta’u gamtaan jaarmayoota morga dhala namaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Yeroo filannootti hir’achuu qaamaa kaasee hanga lubbuun namaa darbuu akka danda’uu maluu kan tilmaamee gamtaan kun dhiittaa mirga namoomaa kan akkasii fi kanneen biro hambisuuf jecha yeroo ammaa Haawaasaa keessatti leenjii kennaa akka jiru beeksisee jira.