Your browser doesn’t support HTML5
Congressman Chris Smith(R-NJ) nama paartii Ripabilikaaniiti.Itti gaafatamaa koree haajaa alaatti Kongireesii Amerikaati.Godina New Jersitii filatamee bara 1981 jalqabee sentetii US keessa jira.
Bara hedduu rakkoo Itoophiyaan addunyaatti himaa bahe.Rakkoo amantoota kiristaana wangalaa Eertiraa ambaaseddera Amerikaa achi jiruu fi ufillee seera wixinee baasee faluutti jira.Rakkoo Oromoollee marroo hedduu dubbachaa bahe.
Labsii Wixinee, H.Res.128 Kongireesiin US Itoophiyaan muddee mirga namaatii fi demokiraasii jabeessuuf baase isatti yayyabe.Isaa fi miilotii isaa bori Itoophiyaa dhaqan.
Gaafa muummeen ministera Itoophiyaa Abiy Ahmed US dhufellee ya wal mari’ate.Akkii Itoophiyaan itti deemuutti jirtu waan guddoo nama gamachiisaatii isallee [Abiy Ahmed] jajjabeessuuf waan jijjiirama waadaa galaniifillee laaluuf achi yaana.”
Akka Congressman Smith jedhutti Itoophiyaan ammaan tana akka dansaa deemuutti jirti taatullee ammallee waan hafetti jira.
“Seerii jara biyyaan nagaa dhowwuun adaban jedhanii baasanillee irra deebihani laaluutti jiran.Maqaa kanaan waan hedduutti bade.Seerii dhaabbilee gargaarsaa hujii dhowwe.Chaayinaan akkanaan dhaabilee akkanaa biyya baafatte.Tanaafuu gama kanalleen jijjiirama barbaanna.Hinuma taati jennee herregannallee”
Smith muummee minsitera Itoophiyaa fi minstera haajaa alaa Itoophiyaatiin wal dubbachuuf Itoophiyaa dhaqa.“Rakkoon tokkolleen lafatti hafu hin malle qablii tanaan yaana.”
Jarii kun bulchoota qofaa mitii warra lafaalleen wa dubbatanii rakkoo jirtu wal odeeffata.
Rakkoo naannoo Somaaletii fi Oromiyaa irratti wa gaafannaan ammoo maqaa dhahuullee baatu itti gaafatmaan guddaan tokko wal dhaba kana keessaa qooda qabaahuun qaban.Rakkoo jirtu bulchootaan wal dubbachuuf deema.
Gama kaaniin ammoo Itoophiyaan dhaabbileen hedduu ka akka daandii qilleensa durii mootummaan ufumatti qabaachaa bahe kontoraataan kennuu feeti.Mootummaan Ameikaa tanaa maan jedha.
“Kun herrega akka malee dansaati.Horii biyya guddisu guddaatti faana dhufa. Dinagdeen harka mootummaa qofa teettu faaydaa hin qabdu.Karaa guddinaatuu itti dhiphisa.Yoo dhuunfaatti deebifte namii irratti wal dorgome carraan banama.”
Smith fkn pirezidaantii Amerika ka durii, John F.Kennedy oon “lagii guddatu bidiruu olin dhufa” jedhuun dubbate.
“Dhaabbileen dhuunfaa mala jireennaa keessaa qooda qabaachuulleen akkanuma jireenna biyyaatii fi ummataallee guddisa.”
Bombii gumii muummee ministera Itoophiyaa simachuuf Finfinnee baatte keessatti bombi dhiyoo tokkaate nama lama fixxe. US tana qorachuutti jiraachuu fi dhibaachuu irratti akkana jedha,Smith.
"Akka herrega kiyyaatti tun waan akka malee jabeessanii qorachuu malan.US keessaa ebelu faatti qorachuutti jiraa jechuuf eeyyama hin qabu.Taatullee waan jiraa jabeessanii qoratanii warra waan kana hojjatee fi maaniif akka tana hojjatan qoratan.”
Jijjiirama Itoophiyaan amma keessa jirtullee keessaa labsiin wixinee tunilleen qooda qaba.Taatullee Itoophiyaatti ammallee maatii hedduutti nama isaanii du’aa fi jireenna hin beenne odeeffachuutti jira.
“Nami tokkollee siyaasaa isaatiif jedhani mana hidhaallee ykn ammoo fulaa fedheeyyuu lafaa dhabamsiisuu hin malle.Seerii akkas jedhuuyyuu bahuu qaba.Muummeen minsitera gama kanalleen irratti hojjachuutti jira.”
Itoophiyaatti jijjiiramii deemuutti jiru Chris Smith guddoo gammachiise taatullee waan hafe hedduutti jira jedha.
“Seerii jara biyyaa nagaa dhowwe jedhan sun haquu qaba.Haquu baannaan ammallee abbaan fedhaniin adabuu dandahan.”
Miseensii Kongireesii Amerikaatii faati kun caasaa fayyaa Itoophiyaa irralleetti muummee minsiteraa waliin mari’achuu fedhan.
Caasaa fayyaa pirezidaanti Amerikaa ka durii,Geroge Bush HIV,TB fi dhiba Afrikaa nama fixuutti diqqeessuuf baasee Itoophiyaa keessalleetti ittiin hojjachuutti jiru guddoo jaalatan.
“Ijoolleen eegii dhalattee haga guyyaa 1,000 jabeessani qananiisuun lubbuu hedduu baduu dhowwuu dandahan.”
Imaltuu miseensota Kongireesii Amerikaa bori Itoophiyaan dhaqan tana nama shanii olitti itti dhufa.Paartii Demokiraasi keessaallee Congresswoman Karen Bass fa dabalatanii karaa jiran.Guyyaa sadeen Itoophiyaa turan kanatti bulchoota malee nama hedduun wal dubbatanii waan Itoophiyaan keessa jirtu hubachuuf yaahan.
Chris Smith Fulbaan dhufu keessallee labsii wixinee H.Res.168 ka deemsa demokiraasii Itoophiyaa tohatu irratti waan namii Itoophiyaatii fi qorattootii jedhan caqasuuf karoora qaban.
Itoophiyaatti maati hedduutti nama isaanii du’aa fi jireennallee hin beenne mootummaatti harkaa qabaa jedhee barbaadachuutti jira Jarii kun tanallee wal dubbahcuuf yaaha.
“Namii tokkolleen laalcha siyaasaa isaatii jedhee lafaa dhabamuu hin malle.Du’alleen taatu ykn hidhaan dhabamuu hin qabu.Tun ammoo seera jara biyya nagaa dhowwuu eegna jehdan kaan gula dhuifte tanaaf irratit mari’achullee malle.”
Paartileen siyaasaa hedduutti biyyatti galuutti jira.Jarii kun akkamiin waliin hojjachu male jennaan akkana jedha Smith.
“Akka herrga kiyyaatti yoo fedhiin siyaasaa jiraatte namii biyya alaalleen galuutti jiru, warrii paarilee mormituu keessa jiru ka durii rakkoon biyyaa baane jedhe amma carraa warra waltiin dhufetti jira. Akka herrega kiyyaatti paarlaamaan tana irratti jabaatee muummee ministeraa waliin hojjachuu male.”
Smith nama bara 1981 jalqabee kongireesii US keessa hojjachaa bahe, kongireesii Amerikaa keesatti koree heddu keessaa hojjata.Akka bara 1997 filannoo Itoophiyaa akka inni jedhetti Meles nama hedduu irratti fixe kaan achi dhaqee wal dubbatanii akka innii hujii sun dhaabu gaafate.
Rakkoo sun arge jennaan biyya ufiitti deebihee seera wixinee H.Res 128 ka akka mirgii nama Itoophiyaa eegamu gaafatu yayyabe.Smith rakkoo ummatii Eertiraa gama amantiitiim qabullee akkanuma iyyaaf bahe.
Gama kaaniin dhaabii mirga Oromootii falmu COHARD Coalition of Oromos for Human Rights and Democracy(COHARD) miseensota Kongireeii US ka akka Chris Smith fa waliin hojjachaa bahelleen ammallee jaruma kana waliin waan jriaa laaluuf Itoophiyaa dhaqe.
Itti gaafamtuun COHARD, Seenaa Jimjimooti. Nu ijoollee Oromootti qabsoo irratti walti dhufee dhaaba kana yayyabanne jette.