Qorannaan geggeessame akka mul’isutti ijoolleen umuriin isaanii waggaa 6 fi 11 gidduu talaallii COVID doosii gad aanaa fudhachuun amansiisaa dha jechuu dhaan kan Yunaayitid Isteetis keessa maadheffate kampaniin dawaa Modernaa jedhamu beeksisee jira.
Kampanichi akka jedhetti ijoollee 4,700 ol adda addummaa guyyaa 28n talaallii isaa doosii lama kennamu tallaalee jira. Kunis ciminni isaa kan ga’eessotaaf kennamu walakkaa dhaa gad ta’uu ibsee jira.
Ba’iin duraan argame akka mul’isutti dandeettiin dhibee of irraa ittisuu ijoollee akkuma kan ga’eessota talaallii doosii guutuu fudhatanii ti.
Modernaan akka jedhetti ijoolleen erga talaallii sana fudhatanii booda mallattoo hagas cimaa hin taane kan akka dadhabbii, mataa dhukkubbii, ho’a qaamaa fi bakki talaallii sun dhukkubuu of keessaa qaba.
Gama biraan, Rooyiters akka gabaaetti, gamtaan Afriikaa talaallii Modernaa doosii miliyoona 110 bituuf akka jiru beeksise. Xumura waggaa kanaa dura gamtaan Afriikaa doosii miliyoona 15 kan argatu yoo ta’u, nuusa waggaa bara 2022tti doosii miliyoona 35, nuusa waggaa lammataa irratti immoo hanga miliyoona 60 argachuuf kan jiru ta’uun ibsamee jira.
Bittaa talaallii kanaa kan mijeesse bulchiinsa prezidaantii Yunaayitid Isteetis kan Joo Baayiden yoo ta’u, Gamtaan Afriikaa kampanii sana waliin akka walii galu carraa kennuuf jecha, kan inni Modernaa irraa bite doosiin miliyoonni 33 utuu hin ergamin akka turu taasisamaa jira.
Kunis barbaachisaa dha. Sababiin isaas talaalliiwwan battala argaman lakkoobsa isaanii dabaluu dandeessisa jechuu dhaan jila dhimma vaayiresii koronaa kan gamtaa Afriikaa Striiv Masiyiwaa email erganiin beeksisaniiru jechuun Rooyiters gabaasee jira. Biyyoonni kanneen biroon talaallii oomishan illee fakkeenya Yunaayitid Isteetis akka hordofanii fi talaallii kanaa fi ka biroo bitachuuf daandii akka saaqan gaafataniiru.