Paastariin Haandaara galaanaa Keeniyaa tokko, hordoftoota isaan hanga duutaniitti xoomaa ykn afaaniin homaa hin fudhatinaa erga jedhee booda, haga ammaatti reeffii namoota 39 kan argamee yoo ta’u, innis to'annoo jala oole jira.
Hogganaan poolisii kutaa xiqqaa Malindi, John Kemboi akka jedhanitti, lafa ykn dachee qabeenyaa Paastar Paul Makenzi ta’e irratti, awwaalli gadi fagoo dabalataa jiran ammallee hin qotamne.Amantii waliin walqabatee Ebla 19 hidhamee jira jedhan. Lakkoofsi namoota du’anii waliigalaa 43 yoo ta’u, sababiin isaas torban darbe Waldaa Good News International jedhamu keessatti, namoonni biroo beela’anii erga argamanii booda, afur dabalataa du’un ibsamee jira.
Du'a hordoftoota isaa irratti qorannoon gaggeeffamuu itti fufee waan jiruuf, Makenzi yeroo dheeraaf akka hidhaman akka hayyamuuf Poolisiin mana murtii gaafateera.
Odeeffannoon miseensota uummataa irraa argameetu, poolisiin qabeenya Paastarichaa Malindiitti argamu weeraruun namoota 15 kanneen qaama isaanii hir’ate kan argatee yoo ta’u, 4 garu ni du’an. Hordoftoonni amantii kunis, Yesusiin wal arguuf jecha qajeelfama Paastarichaatiin beela'aa akka turan himaniiru.