Mootummaan Itiyoophiyaa fi Waraannii Bilisummaa Oromoo Waldhabdee Isaanii Karaa Nagaan Akka Furan Gaafatamee Jira

  • VOA

Gurmuun Haawaasaalee Oromoo biyya alaa keessaa jiran fi OLLAA dabalatee hawaasaaleen sivilii, xalayaa banaa mootummaa federaalaa Itoophiyaa, mootummaa bulchiinsa naannoo Oromiyaa, fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) tti erganiin, walitti bu’iinsii mootummaa fi WBO gidduu jiru karaa nagaan mariin akka hiikamu waamicha dhiyeesse.

Bara 2018 irraa eegalee lammiileen nagaan kan Oromoo kumaatamaan lakkaa’aman ajjeefamanii, hidhamanii, dararamaa kan turan yoo ta’u, miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru jedha xalayaan ergame.

Dhiheenya kana waldhabdee waldaa Kiristaanaa Ortodoksii Itiyoophiyaa keessatti uumame hordofuun miirri farra Oromoo ta’e hammaachuun haala bala’amaa fi raafamaa ta’e uumee jechuun xalayaan ergame ibsee jira.

Mootummaan Itiyoophiyaa fi WBOn adda addummaa isaanii cinatti dhiisuun rakkoo tasgabii gaanfa Afrikaaf sodaa ta’e akka furan xalayaan kun gaafatee jira.

Kana ilaalchiifnee qaamoota mara dubbisuun dhiyeessuuf kan yaallu ta’u beeksiifna.