Mootummaan Itiyoophiyaa Haleellaa Lammiilee Nagaa Irratti Qiyaaffate Taasisa Gabaasaleen Jedhan Soba Jedhe

  • VOA

Asxtaa Ministirri Komuunikeeshinii Itiyoophiyaa

Miidiyaaleen teessoo isaanii biyya alaa taasifatanii fi kanneen Afaanota Itiyoophiyaan tamsaasan tarkaanfiiwwaan mootummaan fudhatu namoota nagaa irratti akka fudhatametti gabaasu jechuun ministirri Komuunikeeshinii Itiyoophiyaa qeeqera. Ministirri Minira Komuunikeeshinii Itiyoophiyaa Leggesee Tulluu Sanbata dabarsine kana ibsa kennaniin tarkaanfiiwwan mootummaan fudhachaa jiru madaalawwaan fi kanneen karoorfaman jedhaniiru. Ministirichi ibsa isaanii keessatti miidiyaalee jedhan maqaa kan hin dhoofne yommuu ta’u garuu miidiyaalee biyya alaa jiran kanneen afaan Itiyoophiyaan gabaasan jedhanii mootummaan naannoo Amhaaraa keessatti garee finxaaleeyyii irratti tarkaanfii fudhatu akka waan namoota nagaa irratti fudhachaa jiruuti gabaasu jechuun qeeqaniiru. Tarkaanfiiwwan warra kami akka ta’anis adda baasnii waanti ibsan hin jiru.

Onkoloolessa 26 bara 2017 darbetti Godina Goojjam Kibbaa Aanaa Achefeer ganda Zibisti jdhamu bakka “Arge” jedhamee waamamutti haleellaa Diroonii ykn xiyyaara nama maleeyyiin raawwatamuu namoonni ijaan argan sagalee Ameerikaatti himaniin namoonni 43 ajjeefamuu sagaleen Ameerikaa gabaasee kan ture yommuu ta’u yeroo sanatti deebii angawootaa argachuu hin dandeennye. Gabaasni Kan Asteer Misgaanaawu.