Mootummaan naannoo Oromiyaa ibsaa baseen nageenyaa biyyaatti tiksuuf wamichaa biyyaa kaamiyyuu fudhachuun degaruuf qophii ta'uu ibseera.
Dubbi-himaan motummaa naannoo Oromiyaa obbo Getaachoo Baalchaa Raadiyoo Sagaalee Ameerikaattif akka ibsanitti ummanni Oromoo fi Bulchiinsi Naannoo Oromiyaa birmadummaa biyyaatti kabaachisuu fi nageenyi itti fufinsaa qabu akka jiraatu gochuuf yeroo hunda waamichaa biyyoollessaa fudhachuun hirmachaa ture, ammaas hirmaachuuf qophii dha jedhan..
Lola naannawaa kaabaa biyyaattitti garee ABUT gaggeffamaa jira, jedhus mootummaan naannoo Oromiyaa ka balaaleffatu tauu dubbatan.
Gama birattin ibsaa mootummaan naannoo Oromiyaa basee irraatti qondalli siyaasaa ABO obbo Yaasoo Kabbabaa yaada kennaniin qamni lamanuu nageenyaa biyyaattii dursuun walitti dhufanii bakka qamni 3ffaa jirutti mari'achuu qabu, jedhan. Tsehaay Daamxoo tu Finfinnee irraa gabaase.
Your browser doesn’t support HTML5