Your browser doesn’t support HTML5
Joe Biden,nama jalqaba Amerikaatti ganna 78ti pirezidaantummaa fialtan. Pirezidaantii jalabaaf dubartii itti aantuu pirezidaantii filatee waliin biyya bulchuutti jiran. Durii ganna kunrnya hedduu siyaasaa mootummaa Amerikaa keessa hojjate. Itti aanaa pirezidaantii Amerikaa tahee ganna afur biyya waliin bulchaa bahan.
Filannoo bara 2020 irratti nama miliyoona kurnya hedduutti bahee filate. Bara jeequmsaa fi dhukkbua addunyaa miila jalaa guure,koronaatti irraa nama oolche malee gaafa Amerikaan pirezidaantii filattu nama miliyoona hedduutti teessoo mootummaa Amerikaa,D.C. dhufa.
Miilotii pirezidaanti Tiraampi faatii filannoon Amerikaa seera filannoo hin guunne jedhanii U.S Capitol waajjia kongireesii Amerikaa cabsanii duudanii nama harka isaantti du’’ee laftii jeequmsa taate.
Sunii jedhanii D.C. waraanii kuma 25 marsee eegaa bahe. Muudamii Biden nagumaan dhumate.Nagaa lafaa eeguuf jedhanii diida ballaan D.C., National Mall, riqaan gugurdaan waltiin taakkan,karaan baabura lafa jala yaa’uu hagii guddaan cufan.
Lafa pirezidaantotii itti kakatan, U.S. Capitol,dallaa sibiilaatii fi sigiingii qara qabduun fi simitoo gugurdoo hidhanii lafa eegan.
Joe Biden fi itti aantuun isaa,Kamala Harris hardha kakatnii hujiitit jiran.Itti gaafatama mootummaa qabaniin biyyaaf hint ahu jedhan hedduu jijjiiruutti jiran,seera seeraan diiguutit jiran.
Tiraampi Viidiyoon waraabanii kalee dubbateen maqaallee dhahuu baatu nama mootummaa isa irraa fuudheen milkaahi jedheen fa’atee mana Filooridaa qabutti godaane.
Akka mootummaan haarahii milkaahu “waaqa yaammadhaaf” jedhe.
Tiraampi waan mootummaan isaa ganna afur keesatti biyyaaf hojjate jedhe hedduu dubbatee faarse.
Donald Tiraampi amalaa fi aadaa Amreikaa ganna 160 qabaachaa baate ka pirezidaantii dorgommiitit moo’ate nama isa moo’ee eebbisee mootummaa itti kennu dhiisee biraa deeme.
Qophii gammachuu Biden fi Harris Sirbituu faaristuu fi sirbituu hedduu itti yaaman.Jennifer Loper,Lady Gaga,Amanda Gorman, Andrea Hall,Greth Brooks fi nama hedduu.Warrii faarsu ammoo abbaa amantii krisaatanaa Leo O’Donovanab
Mootummaan haarahii kun baa baallii Baayden kanaan. “Tokkummaa Amerikaati’ jedhee baafate.
Qophii gammachuu tana pirezidaantoti Amerikaa Barak Obaamaa,Joorjji Buus,Bill Kilinton faatilleen itti dhufan. Pirezidaantii durii,Jimmy Carter jaarsii ganna 96 dhufuu hin dandeenne nagaa dhaame.
Achii abbootii amantii Kiristaanaa mana mantii Btherl Episcopla mootummaa Bidenii Waaqa yaammatan.
Achiin duubatti itti gaafatamaan mana murti walii galaa U.S. John Roberts Biden kakachiise. Dhugaan biyya bulchuuf kakaka
Itti aanuun Biden,Kamala Haaris nama ganna 56ti bara hedduu siyaasaa Amerikaa keessa hojjatte. Senetera godina Kaalifoorniyaa.
Mootummaan Biden guyyuma hujii jalqabe kanatti itti qabuun seera bara Tiraampi baasan hedduu diige.
Amerikaa nama kuma 400 caalaa Koroaan irraa dhumate,nama miliyoona hedduutti koronaaf jedhee hujii dhabe,kuma dhibba hedduutti dhiba kana irratti argan,Amerikaan nagaa ufiitiifuu yaaddoo keessa jirtu tana cufa keesatti pirezidaanti muudatte.Tun cuftii mataa bulchoota tanaa jirti.
Dubbii hardhaa keesatti tokkummaa labse, demokiraasii ganna 108 keesatti dubartii pirezidaantummaatti fila jabeessanii,diimaa, adii hin hin jenne akka namaatti wal ulfeessan,akka tokkummaa adii hagaan dabranii leellisan dhaabanii fi waan hedduu dubbate.Ganna 4n dhufa jabeennaa fi laafinnaan himuuf deeman.