Deebii Bulchootii Aanaaa Miyoo, Shaakkisoo,Yaaballoo, fi Golgootaa Hiriira Naannoo Isaanii Irratti Kennan

  • Jaallannee Gammadaa
    Tuujubee Horaa

Mormii Oromiyaa, Guraandhala 2016

Akka namii Hiddii-lolaatii dubbfine jedhetti hiriira Hiddiitti nama hedduutti hidhamee, dhaanamee poolisiin gaaziillee aara qabdullee namatti facaafte.Bulchaan aanaa Miyoo obboo Jemberuu Aberraa ammoo ammoo hiriirii seera guutamee bahe hin jiru jedha.

”Hiriirii tokko hiiira seera-qabeessa kan jedhamu yoo ulaagaalee heerii mootummaa kaahe sun hojjaa guutate kun ammoo jeequmsa…poolsiin ammoo seera qabsiisuun hujii isaati…ka seera cabsee hidhamuu jiraachuu fa dandaha,”jedha.

Obboo Guyyoo Galgaloo itti gaafatamaan Ijaarsa Dh.D.U.O godina Booranaati;

“Hiddii_Lolaa,Yaaballoo fi Areerotti barattootii muraasii hiriira bahuuf yaalii godhanii jiruu marii warra waliin taasifneen…rakkoon furatee amma hujiin baruu fi barsiisuu jalqabee jira.Hiddii-Lolaallee mariin ummata bal’aa waliin geggeesifamee irratti walii galamee barataan baruu fi barsiisuutti deebihe.”

Waan hiriira Areeroo irratti bilbilatti nu dhibeef odeeffannoo dansaa argachuu dadhabne.

Godina Gujii magaalaa shaakkisoo keessatti hiriira ba’uuf gaaffii barattonni dhiyeessan ehama dhabu ibsamee jira. Kanaaf ofuuma isaanii Kamiisa kaleessaa erga hiriiranii booda humnii kora bittineesaa fi kan mootummaa reebicha irraan ga’u kan ibsan barattonni 19 immoo hidhan jedhu.Bulchaan magaalaa shaakkisoo Obbo Waddeessa Waaqoo jeequuf akka ka’an waan barameef ehama dhorkaman jedhu.

Gama kaaniin Godiina Arsii Bahaa aanaa Martii magaalaa Golgotaa keessaa bulchaa gandaa kan ta’an Obbo Gabii Badhaaso qabamanii gara Finfinneetti ergaman jechuun uummanni mormii isaa kaleessa dhageesisuu jiraattonni ibsanii jiran.Barattonni qabamanii gara Abbomsaatti geessamuun hidhamanis haa gadhiifan jedha gaaffii hiriirtootaa.Bulchaan aanaa Martii Obbo Wadoo Abdulkarim garu hiriira ba’uun nama seeraan ala ta’e hin hiiksisuu jedhu.

Your browser doesn’t support HTML5

Guutummaa gabaasaa kanaa dhaggeeffadhaa