Seera kana raawwiitti ka geeddaruu dadhabe Paarlaaman biyyattii gidduu kana balaalefaftamaa jira. Kanaafis abbaan alangaa mootummaa keeniyaa Pirezdentiin Keeniyaa aangoo qabuun warra paarlaamaa kana teessoorara bittimsuu qaba murtee jedhu ilaalchisuun qaamoleen mootumama Keeniyaa hedduun yaada wal falmisiisu kennaa jiru.
Your browser doesn’t support HTML5
Murtoo kana ka deeggaraa jiran Prezdentiin Hawaasa Ogeeyyii Seeraa Keeniyaa Neelsen Haavii, akka Maaraagaan jedhan Pirezdentiin biyyattii raawwachuu baannaan, mormiidhaan dhaqnee paarlaamaa biyyattii cufnaa jedhan.
Yoo, kaleessa gaazexeessitootaaf ibsa kennan, “Eeyyee, paarlaamaa dhaqnee, ni uggurra; Sababni isaas onkoloolessa 12 booda miseensi duraanii gara gamoo sanii dhaqu martuu, ofiin dhufiidha; Aangoo sabni keeniyaa seera akka tumaniif kenneefis hin jiru, kanaaf mirga fi aboo heera biyya keenyaan nuuf kennameen dhaqnee tarkaanfii malu ni fudhanna, mormiidhaanis paarlaamaa kana ni uggurra; Waan kanaan dura Burkinaa faasootti mudate asitti irra deebiwuu hi nfeenu nuti, waanni nuti feenu, namootni kun bakka san lakkisanii warri hojii fooyya’aa hojjetu akka bakka qabatani” jedhan
Mr. Haaviin Boordiin filannoo keeniyaa ji’a sadii keessatti filannoo bakka bu’oota paarlaamaa akka gaggeessu, Ministeerri maallaqaas miindaa warraa akka ugguru gaafatan. Qaamolee fi Mootummooleen idila addunyaas yoo mootummaa Keeniyaa faana walii galan, hojiin paarlaamaa biyyattii dabalatu yoo jiraate keessa seenuurraa akka of qusatan gaafatanii, miseensonni paartilee siyaasaas yaada kanaaf bitamuu qabuu jedhan.
Yaadi paarlaamaa biyyattii bittimsuu kanarratti garuu himatni mana murtiitti irratti banamee jira. Jiraattonni lama murteen kun hiika seeraa dhadhacha mana murtii barbaadaa jedhanii himannaan, manni murtii olaanaa Keeniyaa murteen kun yeroof dhaabbatee, himata baname dhaggeeffachuuf ammoo Onkoloolessa 7’tti beellama qabee jira.
Dhimma kanarrratti bulchiinsi keeniyaattaa haga yoonaa ka callise yoo tahu, dursaan paartii mormitootaa duraanii Raaylaa Odiingaa; Keeniyatttaan murtee kennuun dura, warra dhimmi kun ilaalu duuka gad fageenyaan mariyachuu qabuu jechuun akeekkachiisanii jiru.