Tilmaamni Galii Guyyaa Dogoggora Qaba: Muummicha Ministeeraa Itiyoophiyaa

  • VOA

Muummichi ministeeraa H/Maariyaam Dessaaleny tilmaama galii guyyaa fi gibira ilaalchisee hojiin hojjetame dhibba irraa harki 40mni dogoggora akka qabu beeksisan.

Hanqinni hubannoo fi raga akkasumas hattummaan mootummaa isaanii gatii baasisaa jiraachuu illee dubbatan. Qaamotii hojii seeraan alaa irratti bobba’an illee akeekkachiisanii jiru jedha meleskachoo Ameha Finfinnee irraa.

Muummichi ministeerichaa xumura torban darbee galma Lalibela Sheraton Addis keessatti daldalttoota kutaa biyyaa fi Finfinnee keessaa waliin marii geggeessaniiru.

Mata duree marii ijoo fi muummichi ministeeraa H/Maariyaam kan qeeqan keessaa rakkoo baatii jalqabee qabee mul’ataa jiru waa’ee gibiraa ti.

Tilmaama galii guyyaa gama ilaaleen muummichi ministeerichaa gama mootummaan haala uumame akkas jechuun ibsan.

Namoonni keenya dogoggorri isaan hojjetan galii walii galaa ti kan isaan maxxansan. Galiin walii galaa ennaa ilaalamu nama gibirri meeqa akka ta’e nama hin beekneef nama rifaasisa. Sharafamee gibirri kuma lamaa fi sadii ta’uun irra ture miliyoonaan kan jedhu waan itti maxxanfameef, nama ibidda keessa buuse. Kun dogoggora tokko.

Dogoggorri inni guddaan lammataa immoo hojichi ennaa hojjetamu, uummat walittI qabnee mariisisnee jirra, sana, kana gooneerra jechuu dhaan gabaasi kijibaa dhiyaatee, namni dhimmi ilaallatu sirriitti utuu hin mari’atin dhimmootii irra darbamantu gatii nu baasisaa jira.

Kanaaf naannoo sanatti hanqina ragaa fi hanqina hubannoo uumame-tti hattummaan dabalamee, rakkooleen mudatan hedduu dha.

Akka tilmaama keenyaatti dhibba irraa harki 40ni tilmaama galii guyyaa rakkoo akka qabu hubanneerra jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Tilmaamni Galii Guyyaa Dogoggora Qaba: Muummicha Ministeeraa Itiyoophiyaa