Murteessituun Ruwaandaa Waancaa Addunyaa  Irratti Hirmaachuudhan Seenaa Galmeesite

  • VOA

FAAYILII - Lammii Ruwaandaa Saliimaa Raadiyaa Mukansangaa Waancaa Afrikaa Kaap of Neeshin irratti, Amajjii 18, 2022

Lammiin Ruwaandaa Saliimaa Raadiyaa Mukansangaa, dubartii Afrikaa jalqabaa taba waancaa addunyaa irratti murteessuudhaan Qaxar keessatti seenaa hojjechuuf jirtu.

Saliimaan bara 2018 murteessituu sadarkaa tokkoffaa taa'uun ishii fi oggoota afraan darbaniif muuxannoon gama kanaan qabduu waltajjiilee akka addunyaatti geggeeffamaniif ishii qopheesuutu himama.

Lammii Ruwaandaa Saliimaa Raadiyaa Mukansangaa Waancaa Afrikaa Kaap of Neeshin irratti, Amajjii 18, 2022

Gabaasaan Niiw Yoorki Taayims Edii Nisbimanaa VOA wajjin gaafii fi deebii godhe irratti Mukansangaan dorgommii waancaa Afrikaa bara 2022 Kaameeruun keessatti gaggeeffame irratti gahumsa gaarii agarsuufii kunis ardii guutuun waayee ishee akka baruu waan godhe ture jedha.