Muummichi ministaraa Itiyoophiyaa Naannoo Affaar Daawwatan

  • VOA

Muummichi ministaraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimed, har’a gara waareetti, daawwannaa hojiif bulchiisa naannoo Affaar deemanii jiran.

Kuusaa hokaa yokaan nyaata horii naannoo Affaar ka daawwatan – Muummichi Ministaraa Abiyyi, Itiyoophiyaan qabeenyaa uumamaan ka badhaate taheyyuu, waliin hojjennee waliin duuromuu hin dandeenye, jedhan.

Dhiibbaa biyyoota gargaarsa kennanii jalaa bahuun ka danda’amu yeroo tokkummaan biyyaa cimuu fi aadaan hojii guddatu akka tahellee dubbatan.

Kan naannoo Dubtiitti argamu, proojektii mootummaan qamadii biyyoota alaa tii dhufu, ka biyya keessaan bakka-buusuuf jalqabes ka daawwatan yoo tahu, deemsa proojektichaas dinqsiifatanii jiran.

Ashaaraa isaanii magarisaas kaa’uudhaan, injifannoo arganneen otuu hin dagatiin injifannoo dabalataa akka argannu, mukeen dhaabuu fi kunuunsuu hojii keenya ijoo taasifachuu qabna, jedhan – jedha – gabaasaan VOA – Mesin Arraagee, Desee irraa.