Naannoo Amaaraa Bakkawwan Adda Addaatti Hiriirri Akka Qaamota Wal-Waraanan Gidduutti Araarri Bu'u Gaafatu Geggeeffamee Jira

  • VOA

FAAYILII - Naannoo Amaaraa, Magaala Dasee, Onkoloolessa 9, 2021

Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti gareen wal falmaa jiran gara nagaatti akka deebi’an kan gaafatu hiriirrii ummataa naannoo adda addaa kan bulchiinsa naannoo sana keessatti gaggeeffamee jira.

Waamiicha mootummaan dabarsee hordofee har’a magaalaa Dasee Baahir Daar fi Gondar dabalatee maagaalaalee bulchiinsa naannoo sanaa adda addaa keessatti hiriirrii gaggeeffame Nagaan Hundaaf , Hunduu Nagaaf mata duree jedhu qaba ture.

Sababaa wal waaraansaa sanaan miidhaan namoomaa dhaqqabu nu yaaddeessa kannen jedhan hawaasnii magaalaalaee nannichaa adda addaa keessa jiraatan rakkoon jiru nagaan akka furamuu gaafatan. Haawaasnii addunyaa rakkoo kana xumuura itti gochuuf yaaliin taasisee xiqqaataa jechuun komee dhageesisanii jiru.

Itti aanaa prezidaantiin paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah hiriira kana hordoofee midiiyaa haawaasaa kan ofii irratti dhaamsa ka’aniin gama mootummaan marii fi waliin dubbachuuf aduun dhiitu akka hin jirree irra deddebi’uun Mirkaneessina jedhan.

Karaa humnaan furmaanni argamuu hin jiru jedhanii kan har’a dabalatee gaaffilee yeroo adda addaa uummanni kaasu deebii akka argataniif naannoo sana keessa humnootiin hidhatanii socho’an gara nagaatti deebi’uu qabu jechuun hubachiisan.

Polisiin bulchiinsa naannoo Amaara agama isaan miidhaa saamichaa fi godaansa dhaqqabeef qaamoota Finxaaleeyyii jedhe waamee itti gaafatamaa taasisee jira.

Gama kaaniin kaleessa galgala magaalaa Dasee fi Waldiyaa keessatti har’a immoo magaalaa Baahir Daar keessatti dhoohinsii dhaqqabuu jiraattonni sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Dhoohiinsa Kanaaf itti gaafatama kan fudhate kan hin jirree yoo ta’u polisii fi Faannoo biraa oduu dabalataa argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jechuun Masfiin Arraagee Dasee irraa gabaasee jira.