Naannoo Amaaraa Keessatti Dhukkubii Koleeraa Lubbuu Namoota 66 Galaafachuun Ibsameera

  • VOA

FAAYILII - Hospitaala Riferaalii Dasee, naannoo Amaaraa, Onk 9, 2021.

Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti ji’oota saddeettan darban keessatti weerarri dhukkuuba koleeraan lubbuun namoota 66 darbuu fi namoota kuma 4 ol qabamuu Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa naannoo Sanaa beeksiseera.

Dhaabbata Fayyaa Hawaasaa naannichaa keessatti ogeessi to’annoo dhukkubaa fi dhimma fayyaa Seefi Darb sagalee Amerikaaf akka ibsanti lakkoofsi kun dhuma baatii Bitooteessaa hanga jalqaba baatii Onkoloolessa bara 2024tti namoota dhibee kanaan qabaman kan of keessaa qabuu dha.

Ji'oota lamaan darban keessatti qofa namoota 3117 vaayirasichaan qabamuu isaanii Aanga'oonni gabaasuu ogeessi dhaabbatichaa kun beeksisaniiru.Anaalee naannichaa 41 irraa namoonni dhukkuba koleeraan qabaman gabaafameera .

Weerarri koleeraa kun waldhabdee lubbuu namaa galaafatu fi caasaa eegumsa fayyaa naannoo Amaaraa diigaa jiruutti dabalata kan dhufedha.

Akka galmeen Tarsiimoo Deebii gargaarsa namoomaa kaleessa maxxanfameen, Foramiin Dhaabbilee Barnoota sadarkaa Olaanoo naannoo Amaaraa walitti bu’iinsi deemaa jiru tajaajila fayyaa haalaan akka gufachiise, dhaabbileen hedduunis hojii dhaabuuf dirqamaniiru jedha.

"Sadarkaan miidhaa fi saamicha ji'a Adooleessa 2023 hanga January 2024 gidduutti gaggeeffame akka agarsiisutti dhaabbileen fayyaa 969 miidhamuu yookaan saamamuu isaanii kan mul'ise yoo ta'u kunis dhaabbattoota fayyaa zoonii lamaa, waajjiraalee fayyaa aanaa 62, hospitaalota 25, buufataalee fayyaa 198, fi buufataalee fayyaa 682 dabalatee"akka ta’e galmeen kun ibseera.

Akka galmee kanaatti sababa walitti bu’iinsa kanaan hojjettoonni eegumsa fayyaa 1,116 qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru ykn iddoo biraatti jijjirrataniiru ykn ajjeefamaniiru.