Naannoo Giddu Galeessa Itiyoopiyaatti Balaan Lolaa Mudate Uummata Hedduu Qe’ee Irraa Buqqaase

  • VOA

Naannoo Giddu Galeessa Itiyoopiyaatti Balaan Lolaa Mudate Uummata Hedduu Qe’ee Irraa Buqqaase

Naannoo giddu galeessa Itiyoopiyaa godinaa Silxee aanaalee Silxii fi baha Silxii keessaa rooba yandoon roobee balaa lolaa mudateen namoonni kuma ja’aa ol qe’ee ofii irraa buqqa’uu isaanii fi manneen kuma tokkoo ol lolaa dhaan liqimfamuu jiraattonni VOAf ibsaniiru. Aanaa Silxii jiraataa ganda Goflaalaaf jiraataa kan ta’an qonnaan bulaa Warqichoo Surur ijoollee isaanii saddeeti waliin qe’ee irraa buqqa’uu ibsaniiru.

Maatiiwwan 650 ol mana barnootaa tokko keessa qubachuu isaaniis jiraatan kun ibsaniiru. Komiishinerri hojii hooggansa yaaddoo balaa walakkeessa Itiyoopiyaa obbo Maa’ireguu Maatiwoos balaa sanaan maatiiwwan kuma tokkoo ol qe’ee irraa buqqa’uu mirkaneessanii, kanneen buqa’an kanaaf gargaarsi namoomaa dhiyaachuu akka jalqabe sagalee Amerikaatti himmaniiru.

Haaluma wal qabateen, Sigiga lafaan biyyatti keessatti mulachaa jiru ilaalchisuudhaan muummichi ministeeraa Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti ergaa barreessaniin,” naannolee biyya keenyaa adda addaa keessatti sababa sigiga lafaan lamiiwan keenya miidhamaniif gadda natti dhaga’ame ibsuun barbaada” jedhan. Qaamotiin dhimichii ilaallatu deggersa barbaachisa ta’e kanneen miidhamaniif akka taasisan qajeelfama kan Kennan ta’uu isaa muummichi ministeera ibsaniiru jechuu dhaan Yoonaatan Zebidiwoos gabaaseera.