Hojjatonni tikaa kan Naayjeriyaa namoota 6 kanneen torban kana hidhattonni Yunivarsitii Abuujaa keessa butanii turan baraarsanii jiran.
Mooraa barnoota sadarkaa olaanaa Abujaa keessaatti butiinsii akkasii gaggeefamuun baratamaa miti jechuun polisiin Jimaata har’a dubbatee jira.
Hojjattoota Yunivarsitii 4 fi ijoollee isaanii 2 Yunivarsitii Abujaa keessaa Kibxata darbee kan buutan yoo ta’u, kunis magaalatti keessatti ulaa sakata’an kan waraanaa lakkoobsaan akka dabaluu fi polisiin hojii dhaabee sakata’uu akka gaggeessu taasisee jira