Paarkii Biyyaalessaa Keeniyaatti Daawattoonni Lolaadhaan Fudhataman

Kaleessa waare booda paarkii biyyaalessaa Keeniyaa ‘Heels Geet’ jedhamutti balaa mudateen daawwattoonni jaha du’anii jiru. Daawwattoonni kun ka du’an balaa lolaa bakka kanatti mudateen yoo tahu, nami gola daawwannaa hallayyaa hedduu qabu kana isaan daawwachiisaa tures daawwattootumaa waliin lubbuunsaa darbuu Poolisiin keeniyaa ibseera. Paarkiin kun Keeniyaa kutaa bulchiinsa Naakuuruu keessatti ka argamu yoo tahu, balaa asitti mudateen reeffi namoota du’anii jaha argamee tokko ammo haga yoonaa barbaadamuutti jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutu caqasaa