Baratonni Yunivarsitii Finfinnee Nagaan Hiriiruun Keenya Hiika Dhabee Deebii Humnaatu Nu Mudate Jedhan

  • Jaallannee Gammadaa

Hiriira Mormii Oromiyaa

Yunivarsitii Finfinnee mooraa adda addaa irraa baratonni Oromoo walitti dhufan Bitooteessa 8 bara 2016 Embaasii Yunaaytid Isteets Finfinnee jiru duratti hiriruun “ Nuti Shorooressoota Miti, Uummata Oromoo Ajjesuun Haa Dhaabatu” jechuun iyyachuu isaanii maddeen oduu adda addaa gabaasanii turan. Yunaaytid Isteetes Itiyoophiyaaf gargaarsa guddaa kan laattu ta’uun ni yaadatama.

Mormii Maastar Plaanii Finfinnee fi naannoo isheef ba’e ittiin ka’uumsa godhachuun mormii Oromiyaa baatilee sadii ol lakkoofsise kessaatti namoota lubbuun isaanii darbee fi darbaa jiru kan ilaaleen mormii kana gaggeessuu isaanii barattonni Raadiyoo sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Hiriira barattoota Oromoo Yunivarsitii Finfinnee gaggeessan kana addaan facaasuuf tarkaanfii fudhatameen barattonni mada’an, caccaban akka jiran akkasumas lakkoofsi barattoota hiriira kana irraa qabamanii hidhaman shantama akka caalu, kaan hanga tokko maqaa isaanii harkaa akka qaban dubbatu. Nagaan hiriirru keenya agarsisuuf Huccuu Aadii qabanne kan bane ta’us tarkaanfiin hidhattootaan nu irratti fudhatame hamaa ture jedhu barattonni kun.

Barattonni Oromoo hangi tokko bakka itti hidhamanii jiru jedhame mooraa polisii Gullalleetti bilbillee deebii argachuu hin dandeenye. Garu dhaabatti oduu Rooytars kaleessa hiriira barattoota Yunivarsitii kanaaf deebii argachuuf aangawoota mootummaa gaafatee kun waan deebiin isa barbaachisu miti jedhamuun isaa gabaafamee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu armaa gadiitti caqasaa.