Nagahaa Itoophiyaa fi Eertiraa Edduutti Bu'e Kabajuuf Koonsertiin Qophaahe

Galma Barkumee, Sambata, Adoolessa 15, 2018

Nagahaa Itoophiyaa fi Eertiraa edduutti bu’e sababeeffachuun Sambata harraa koonsertiin addaa galma Barkumee magaala Finfineetti argamutti geggeeffame.

Muummeen ministiraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad, “Nagahaa fi Jaalalli waan hunda caala” jedhan yeroo qophiicha irratti haasaha godhanitti.

Jilli mootummaa Eertiraa pirezdaant Isaayyas Afawarqeetin hogganamu guyyaa kaleessaa Itoophiyaa seene qophii godhameerratti hirmaatera.

Pireezidant Isaayyaas Afawarqii gama isaanitiin, tokkummaa Eeritiriyaa fi Itiyoophiyaa diiguuf shira xaxaniif kana booda daandiin hin jiru jedhan.

Angaawonni mootummaa Itoophiyaa olaanoon, kanneen soorama bahanii akkasumas pirezdaantonni naannoowwanni konsartii harraa irratti argamaniiru.

Artiistii bekkamaa doktara kabajaa Alii Birraa dabalatee artiistonni heddun hojii aadaa fi afaan sabaa fi sablamoota biyyatti calaqisiisaan dhiheessudhan keessummoota achitti argamanii fi karaa miidiyaawwaan adda addaa hordofaa turan bashanansiisa oolaniiru.

Artiist Haacaaluu Hundeessas geerrarsa ittiin beekkamu qabatee dhihaatera. Haacaaluun dhimma rakkoo nageenya Oromiyaa keesssa jira jedhe geerarsaan dhiheessun "Oromoon biyya ijaara male in diigu" ergaa jedhus dabarseera.