Nama Nagaa Gabaaf Dhufe Malee Hidhataan Tokko hin Turre: Jiraataa 

  • VOA

Namoota haleellaa xiyyaaraa geggeefame jedhameen madahan gara hoospitaala Hayder geeffaman keessaa, Waxabajjii 23, 2021

Hidhattoota Irratti Malee Namoota Nagaa Irratti Haleellaan Hin Geggeessamne: Angawaa

Kibxata Kaleessa magaalaa Maqalee irraa gama Lixaatti kan argamtu ganda Togoogoo Idagaa Silluus jedhamtu keessatti uummaa gabaaf yaa’ee ture irratti haleellaa xayyaaraan geggeessameen lubbuu namaa irra miidhaan gahuun ibsamee jira.

Namoonni haleellaa sanaan miidhaman gara wal’aansa fayyaatti akka hin geessamne Ambulaansonni loltootaan dhorkamanii turan jedhan namoonni ijaan argan.

Ajajaan ol’aanaan raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa, Jeneraal Birhaanuu Juulaa,“hidhattoota irratti malee namoota nagaa irratti haleellaan hin geggeessamne” jedhan. Gabaasaa Mulugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa akkasumas kan Heezer Mardook Finfinnee irraa gabaasan caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Nama Nagaa Gabaaf Dhufe Malee Hidhataan Tokko hin Turre: Jiraataa