Namoota ji'aan duratti Maaykaadiraatti fixan lafa duraan itti awwaalanii baasanii seera amantii guutaniif awwaalan

  • VOA

Ummata kana Itoophiyaa gama Kaabaa keesati eennummaa isaniif jedhanii walti qabamii fixan jedhanii himachaa turan.

Reeffa isaanii lafa duraan itti awwaalanii baasani akka gabaasaan VOA lafa sun dhaqe Yoonataan Zebdiyoos jedheti Mana Amantii Keessatti awwaalan. Namoota kana ji’aan duratit nama 600 caalaa eennummaa isaaniitiif jedhanii walti qabanii fixan jedhan. Duraan lafuma tokkoti biyyee itti deebianii oso seeraan hin awwaalinii turran jedhu.

Amma akka gabaasaa VOA jedhetti nama haga tokko nama 9 kaan ammoo 10n kaan ammoo 15n fulaa tokkotti awwaalan. Awwaalana kana irratti maatii nama isaanii irra fixanii fi bulchoota mootummaa fi abbootiin amaniis itti dhufan.

Jiraattotii Maaykaadiraa ammallee nagaa isaaniif akka sodaatanii fi mootummaan akka eegumsa jabeessuuf gaafatan jedhan.