Isa Tokkof Guyyaa Gaddaa Labsu, Kaan immoo Ajjesanii Callisu

  • Jaallannee Gammadaa

Paarlaamaa Itoophiyaa

Sudaan Kibbaa irraa dhufan kan jedhaman gosnii murillee daangaa Itiyoophiyaa seenuun bulchiinsa naannoo Gaambeelaa keessatti namoota dhibba lamaa ol ajjesanii kanneen dhibba tokkoo fi saddeet ta’an ukkaamsanii fudhatan jedha motummaan Itiyoophiyaa. Kanas sababaa gochuun Robii borii fi Kamiisa iftaanii guutummaa biyyatti keessatti guyyaa gaddaa akka ta’u fi alaabaan biyyatti gad bu’ee akka fannifamu manni marii bakka bu’oota uummataa har’a murteesse jira.

Mummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Haayle Maariyaam Dassaaleeny akka jedhantti ijoollee nu jalaa butaman haal duree tokko malee gadhiisisuuf akkasumas tarkaanfii barbachisaa ta’e fudhachuuf raayyaan biyyatti socho’aa jira. Gamtaan Afrikaa fi komishinni gamtaa Afriikaas gocha gosa Murillee kana balaaleffachuun kanneen namni jalaa ajjefamaniif jajjabiina hawwuun kanneen butamanii fudhataman deebifamuu qaba jedhu.

Israa’eel Fayisaa, Hayyuu seeraa

Hayyuu seeraa kan ta’an Obbo Israa’eel Fayisaa Kaanaadaa irraa dhimma guyyaa gaddaa moggafamu kana irratti yaada kennaniin mootummaan lammii biyyatti hanga tokkoof guyyaa gaddaa labsaa isa kaan immoo ajjesaa cal jedhanii ilaaluun sirri miti jedhu. Mootummaan Ofii isaa Oromoo ajjesaa, sababaa ajjechaa hidhaa fi dararaan Oromoo biyyaa godaansisaa, galaanaan nyaatamanii dhumaa yeroo jirantti callinsaan ilaaluun kun siyaasa of keessaa qaba jedhu. Humna alaan daangaatu cabee, lammiitu ajjefamee jechuuf malee jaalala eenyuuf qabaate iyyu miti jedhu.

Your browser doesn’t support HTML5

Isa Tokkof Guyyaa Gaddaa Labsu, Kaan immoo Ajjesanii Callisu