Miseensonni NATO Doonilee fi Jeettiiwwan Waraanaa Awrooppaa Bahatti Ergaa Jiran

  • VOA

FAAYILII - Alaabaa NATO

NATOn miseensonni isaa naannoo Yukireen waliin wal daangessu irratti Raashiyaan waraana ishee walitti qabuu iseef deebii kennuuf jecha doonilee fi jeettiiwwan waraanaa gara Awrooppaa gama bahaatti ergaa jiran.

Your browser doesn’t support HTML5

Miseensonni NATO Doonilee fi Jeettiiwwan Waraanaa Awrooppaa Bahatti Ergaa Jiran

Ibisi NATO akka beeksisetti Deenmaark, Ispeen, Ferensaay, Nezerlaands fi Ameerikaa dabalatee biyyoonni hedduun loltootaa fi meeshaalee waraanaa itti dabalaa bobbasuuf ykn bobbaasuun itti yaadamuu isaa labsee jira.

Muummichi bareessaan NATO Jens Stoltenberg akka jedhanitti michoota keenya maraaf eegumsa gochuuf akkasumas waraana gamtichaa kan gama dhiyaa jabeessuu dabalatee NATOn tarkaanfii barbaachisaa mara fudhachuu itti fufa.

Humna ittisa walii gala cimsuu dablatee nageenya keenya kan jeequuf yeroo mara deebii ni kennina jedhan.

Dubbi himaan Krmlin Dmitry Peskov Yunaayitid Isteetsii fi michoonni isaa NATO muddama jiru hammeessuu isaanii qeeqanii jiru.

Yunaayitid Isteetisii fi Biriteen tarkaanfii waraanaa Raashiyaan fudhachuu maltu tuquu dhaan hojjettoonni embasii fi miseensonni maatii isaanii kanneen Kyiv keessaa Yukireeiin gad dhiisanii akka ba’an gaafataniiru. Ministeerri dhimma alaa Yukireen tarkaanfii Yunaayitid Isteeti hubateera garuu komee isaa dhiyeessee jira.

Dubbi himaa kan ta’an Oleg Nikolenko fuula tweeter isaaii irratti har’a akka barreessanitti, hojii diplomaasummaa biyyotii alaa fi nageenya isaanii eeguu fi mirga isaanii kabajaa jiraannus tarkaanfiin fudhatame garuu yeroo isaa kan hin eeggannee fi akka malee of eeggachuu dha jennee amann jedhan.