Sirni Awwalchaa Ogeessa Seeraa Abduljabbaar Huseen Harra Adaamaattii Geggeeffame

Ogeessaa seeraa fi abukaatoo Obbo Abduljabbar Huseen (Suuraa fuula Feesbuukii Abduljabbar irraa fudhatame)

Ogeessaa seeraa fi abukaatoo ta’uun yeroo dheeraaf kan tajaajilaa Obbo Abduljabbar Huseen Hagayaa 05 bara 2013, magaalaa Adamaa ganda 12 ykn ganda Gadaa jedhamuun beekamutti kufanii argamuu maatii isaanii keessaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.

Akka obboleessi isaanii Sulxaan Huseen jedhanitti, akkaataan du’a obbo Abduljabbar ammallee qulqulleeffamee hin beekamne. Sirni awwaalchaa Obbo Abduljabbar Huseen har’a magaalaa Adaamaatti raaw’atamuunis himamee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Sirni Awwalchaa Ogeessa Seeraa Abduljabbaar Huseen Harra Adaamaattii Geggeeffame