ABO FI Mootummaan Itiyoophiyaa Walii Galtee Araaraa Mallatteessan

Addi bilisummaa Oromoo fi Mootummaan Itiyoophiyaa marii araaraa guyyaa kaleessaa Asmaraa keessatti eegalan har’a xumuranii jiru.

Marii sana irratti argamuuf prezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaan jillil hoogganamu gamasitti qajeelee jira. Mariin kun hafuura obbolummaa fi jaalalaan geggeessamee xumuramuu isaa gareen lamaan nuuf ibsanii jiru. Marii Adda Bilisummaa Oromoo fi Prezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Dr. Lammaa Magarsaa waliin geggeessine jirra. Nu hordofaa.