Olompikii Biraazil guyyaa 25n duubatti jalqabanii atileetota kuma kudhanii oliitti itti dhufaa Itoophiyaan 39 ergatte

Madaaliyaa barana abbaa moohee kennan fakkaata

Your browser doesn’t support HTML5

Olompikii baranaa,2016 atileetota 10,000 caalanitti irratti wal dorgoma

Olompikiin Biraazil dorgommii addunyaan qablii tokkoon eeguutti jirtu keessaa tokko.

Dorgommii baranaa biyyaa fi naannoo 200 tahanitti irratti wal dorgomaa nama kuma dhibba hedduutti dhufee daawwata.

Biraazil dorgommii Olompikii tana baranuma qopheessite.Amerikaan Olompikii baranaatiif atileetota 552 kopheeffatti,tana keessaa 300 caalaatti dorgommii fixatee yaahuuf kurfoo jira.

Amerikaan gosa ispoortii 28 dorgomti.Waan Tapaha isiin guddoo abadattu keessaa tokko bisaan daakaa.Tana Maaykil Felipsi ka duruu madaaliyaa 22 moohetti baranallee dorgommiitti deebiheef.

Itoophiyaan ammoo atileetota 39 dorgommii tanaa kopheeffatte.Akka daarekterii Koree Olompikii Biyyoolessaa Taammiraati Baqqalaa jedhutti Itoophiyaan biskileettii,bisaan daakaa fi atileetiksiin dorgomti.

Bisaan daakuuf nama lama qabdii metirtii 50 fi metirii 100 irratti dorgomaniif.

Biskileettii ammoo nama tokkoo qabdii ganna 24 keessatti barana nama biskileettiin dorgomuuf argatte.

Atileetiksiin ammoo nama 36 qopheeffatte. Dorgommiin Olompikii baranaa Rio,Biraazilitti qopheessaa Hagayya 5 haga Hagayya 21,2016 taphatan.