Angawoonni Oromiyaa Walgahii Galgala Gaggeessuuf Murteessan

Bulchiinsa gaarii dhaba irraa rakkoolee mudatan kan ilaaleen marii Oromiyaa iddoo adda ddaa keessatti gaggeeffamaakan jiru ta’uu gabaafamee jira. Walgahii kana keessaa tokko kan jiraattoota magaalaa Adaamaa wajjiin gaggeeffame ture. Waajiroonni uummataaf tajaajiila adda addaa kennan rakkoo nu qunnameef furmaata arguu hin dandeenye jedhu.

Kanaafis sababaan kennamu yeroo hundumaa walgahii irra jiru waan jedhamuuf jedhan jiraatonni magaala Adaamaa kun. Bulchaan bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Muktaar Kadir deebii haaraa kennaniin ammaan booda walgahiin oromiyaa keessatti kan gaggeeffamu guyyaa otoo hin taane galgala akka ta’uuf murteeffameera kan jedhu.

Kanas korporeeshiniin Broodkaastiingii kan biyyattiitu gabaase. Qeeqxonnii fi mormitoonni akka jedhanti paartiin Itiyoophiyaa bulchaa jiru waajiroota mootummaa walgahii mootummaaf qofa otoo hin taane kan paartiifis waan gargaaramuuf walgahiin baayyate jedhu. Paartiin biyya bulchu garuu haalee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa ergame dhaggeeffadhaa