Hiriirri Mormii Naannolee Oromiyaa Keessaa Itti Fufe

  • Namoo Daandii

Hiirira Mormii

Godinaalee Oromiyaa bakka adda addaa keessatti hiriirri mormii har’as itti fufee oole. Akkuma kanaan kutaa addaa Oromiyaa Buraayyuu ganda Annee diimaa jedhamu keessatti hiriira mormii uummati geggeessu bittinneessuuf humnootiin mootummaa itti bobba’uu isaanii jiraattonni dubbataniiru.

Humnootiin mootummaa duraan samiitti ol qabanii dhukaasan iyyuu booda irra uummatatti qabanii dhukaasuu qaban, qabeenyaan kan gubate ennaa ta'u lubbuun namaa garuu akka carraa ooleera jechuun nuuf ibsaniiru.

Wallaggaa lixaa Caliyaa, shawaa lixaa Gindabarat aanaalee kaachisii fi Abuna keessatti hiriirri uummataa itti fufuu dhaan bakkuma kanatti humnoonni poolisii rasaasa dhukaasaniin lubbuun namaa darbuu illee jiraattonni kun ibsaniiru.

Wallagguma lixaa magaalaa Mandii keessatti illee hiriirri mormii guddaan geggeessamuu dhaan uummati mormii qabu dhageessiaa kan oole ta’uu jiraattonni magaalattii nuuf ibsanii jiran.

Hoogganoota paartii mormituu keessaa haala har’a Oromiyaa keessa jiru irratti gabaasaalee harkaa qabna ka jedhan barreessaa Kongresa Federaalawaa Oromoo Obbo Baqqalaa Nagaa ti.

Your browser doesn’t support HTML5

Hiriira mormii Oromiyaa ilaalchisuun gabaasaalee qindaa'an caqasaa