Seerrii farra shororkeesumaa Itioophiyaan baaste, hiriira Oromiyaatti miidhaa jabeessa jedha, Amnestii Internaashinaal

  • VOA

Amenestii Internaashinaal

Mootumanan Itiyoopiyaa hiriirtota qabeenya lafaa kan ilaaleen mormii dhageessisuun humnaan gad qabuuf jecha maqaa shororkeessota jedhu kenneef jechuun gareen mirga dhala namaaf falmu Amnesty international ibsa baasee.

Hiriirtoota irratti mootummaan haala hookkaraan guutameen tarkaanfiin fudhate nama 40 ajjeesuu isaa ibsii Amnesty International hubachisee jira.

Tajaajila Tika Nagaa Mootummaa Itiyoophiyaan ibsii ba’e akka jedhutti hiriirtonni Oromiyaa biyyattii jeequuf karoorfatan akkasumas hangii tokko gareelee shororkaa waliin kallattiin hidhata qabu jedhee jira jedha ibsii Amneestiin.

Oromoota waan jireenya isaanii gara fuula duraa irratti sodaa uumee kana mormuun hiriiran shororkeessotaatti hidhuun kun walabummaan yaada ofii ibsachuuf mirga jiru dhiibbaa qabaata jedhan Amnesty International.

Torbanneen darban sadii keessatti humnootii nagaa eegsisaniin tarkaanfiin fudhatame, luubuu nama 40 caalaa baduuf sababii ta’uu isaa balaaleeffachuu manna ibsii mootummaan kennen, kannen karaa nagaa hiriiraan irratti uuman ammaa ba’e gargaaramuun akka barbbaachisu ajaja dabarsa jedhee jira jedha Amnesty International ibsa baasee Kanaan.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa Guutuu