Bulchiinsa naannoo Oromiyaa keessatti, namoonni halkan mana isaanii tii qabamanii, bakka hin beekamnetti geessamaa jiran – jechuudhaan, paartiin mormituu – Koiongiresni Federaalawa Oromoo ibsa kennee jira. “Keessumaa, eega hiriirri bal’aan, Hagayya 6, Finfinnee fi Oromiyaa guutuu keessatti geggeessamee booda, namoota kumaan lakkaawaman tu gara mana-hidhaatti guurame” – jedhu, itti-aanaa dura-taa’aan paartichaa – Obbo Mulaatuu Gammachuu. Akka Obbo Mulaatuun jedhanitti, namoonni hedduun gara moraalee leenjii waraanaa akka Awaash 7, Xollaay, Sanqallee, Dhidheessaa fi kannene fakkaatanitti guuraman. Gama biraatiin, hiriirtota mooraa Awaash 7 jedhamu keessatti hidhaman keessaa kanneen kuma tokkoo ol tahan hiikamuu isaanii mirkaneessanii jiran, Obbo Mulaatuun.
Seeraa ala kan hidhamu akka hin jirre ka dubbatu – mootummaan Itiyoophiyaa garuu, ragaa mormitootaan dhihaatu kanaaf fudhatama hin kennu. Waajira Dhimmoota Koomiyunkeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaatti, direktorri miidiyaa fi quunnamtii uummataa – Obbo Mohaammed Said ejjennoodhuma mootummaa kana gad-jabeessanii dubbatan.Hiriroonni geggeessaman, hiriirawwan humnoota hookkara oofaniin ka toosisaman ta’uu dubbatu. Kanaaf, waa’ee namoota du’anii, madaawanii fi hidhamanii irratti mootummaa fi mormitoonni ejjennoo wal-faallesuu akkuma qabatanitti itti fufanii jiran. Dhimmi kun akkamitti qoratamee qulqulleeffama? ka jedhu irratti yaada addaan fagoo qabatanii jiran.
Your browser doesn’t support HTML5