Your browser doesn’t support HTML5
Wal dhaba naannoo Somaaleetii fi Oromiyaa kun nama hedduu waltiin dhufuutti jira.Oromoon Raayyallee nama sagala ergatanii biyya irra yayaa’anii nama bqaqate laalan.
Jaarroleen amma dhufte fulaa hedduu irra yayaatee laate tun ammaaf nama sagal.Jarii kun yoo dubbatu Saaliyaa Saamii afaan keessa hin buufatu.
"Goshi keessaan miidhame nuun jette(Saaliyaan),' jedhan.Saaliyaan gaafa Raayyaa dhaxxetti waan hedduu irraa barattee waan hedduun galtellee.
Maanguddoon amma dhufte tunilleen Harargee keessaa lafa akka Ciroo fa ta namii hedduun keessa qubate dhufee laale.“Waan afatan,buddeenna kennaniif.
“Waan afatanii fi buddeenna kennaniif. Muka jalatti dhalan zoorree (irra marre) ilaalle 'abbaa fi ilma maatii gargar bahe argine jedhan,” jedha.
Jara achii dhufe keesaa tokko obbo Mujahididin.Akka innii jedhutti isaa fi miilotii isaa armaan duratti Oromoo arganii hin beekan.Yoo amma dhufan kanallee bututtuu cittuullee dhufuu baatanillee dhufaatii tanaan waan hedduu baratan.
“Aduu hardhaa Oromicha argine.Bullukkoo takkittiillee hin finne.Biyyitii teenna dirqii(bona).Baga dhufatanii nu laalatan nuu jedhan.Warra keennatti galuu hin kajeelle,” jedhan.
Rakkoo Oromoo irra geette jedhan tana ammoo lafa itti galanitti himuuf kurfo jiran. “Armaa galle gosa keeshaa dhufnetti himna. Amma sagal taanee dhufne bori 50, iftaan sunii oli taanee dhumnfa,” jedhan.
Akka henna Itoophiyaa bara 1997 keesaa heddanitti Oromoon Raayyaa Tigraayi keessaa 46,000 haga 47,000ti.Oromoon Raayyaa jireenna jajjabaa keessaa jirti.
Laftii itti dhiphatte,aadaa fi afaanillee qaata dhaban. Taatullee ammallee aadaa jabeeffachaa afaanii aadaa guddifachuu hinuma fedhan.
Afaan Ofiitiin barachuu fedhan.”Mana tamaarii Ormichaa nuu banaa jenne,” jedhan.Taatullee waan isaan dhibetti jira “gguurdaan isaa Ormicha,xixiqqaan isaa Tigree tahe.”
Quftumaan ammoo lafa akka Hacaa-Gamaa,Kubee-Jabbilee,Balee ,Dooloo, Marsaa, Gabbattee, Dayyu, Adaree, Dagaagaa, Gugguufaa, Haadha-Algaa fi hedduu.