Oromiyaa Magaalaalee Hedduu Keessatti Hidhaa, Reebichii fi Doorsisni Hammaate, Jedhu Jiraattonni

  • Jaallannee Gammadaa

Hiirira Mormii (Kuusaa Suuraalee)

Hirrirri mormii gara torbanneen sadi’ii Oromiyaa keessatti geggeessamaa jiru irraa kan ka’e hidhaa, reebichii fi doorsisni bal’inaan itti fufuu isaa jiraattonni magaalaalee adda addaa irraa himataa jiru.

Godinaa Arsii, magaalaa Asallaa fi Godinaa Gujii, magaalaa Har-qalloo irraa aangawoonni Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennan garuu, himannaan jiraattotaa kun dhara jedhu.

Wallagga Bahaa, aanaa Eebantuu keessatti, keessumaa mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Dongoroo Muxaa keessatti hiriirri torban dabre jalqabame uummata dabalatee haga har’aatti kan itti fufee jiru ta’uu achi irraa jiraataan tokko nuuf ibsee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuun kunooti.