Gaazexoonni Addunyaa Bebeekamoon Hiriira Mormii Oromiyaa Irratti Maal Jedhan?

AFP

Baruulen bebbekamoo ta’in sadi’i: Ze Gaardiyaan (The Guardian), Biluumbeergi (Bloomberg) fi Ajaanis Firaanis Pirees (AFP)-in haala yeroo ammaa Oromiyaa keessa jiru laalchisuudhan barressan. Ze gaardiyaan akka gabaasetti; ‘Ajjeechan Haadhabbatu’ qoddi jedhu jalatti caasan misoomaa kan waayee lafaa Itoophiyaa keessaa walitti bu’insa lubbuu namaa galaafateef sababa ta’e jedhe.

Hiriira mormii saba biyyattii guddaa kan ta’ie saba Oromootiin Olonkommiiti gegessame sun kan waraabame bilbila harkaa lellisaa mirga dhala nama kan ta’ee tokkon jedha Ze Gaardiyaan. Hiriirtonnis humnoonni mootumma dhukaasa banuu saanii dura mormii isaani nagahumaan gegeessan jedha.

Bluumberg immoo guddinni Itoophiyaa yeroo Oromoon mormii dhageechisu kanatti siyaasaan walrukute enna jedhu, Ajaans Firaanis Pirees gama saatiin hirirri mormii Itoophiyaa keessaa hammaatee dhiiga dhangalaasisuu isaati fi sodaa gudda umuu isaa gabaase.

Your browser doesn’t support HTML5

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa